Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan rakkoolee godaansa seeraan alaan mudachaa jiran hambisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira – Biiricha

Finfinnee, Hagayya 15, 2017 (FMC) – Godaansi seeraan alaa gaaga’ama lubbuu namaa fi mancaatii qabeenyaa hordofsiisuun biyya miidhaa jira jedhe Biiroon Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa.

Mootummaan rakkoo godaansa seeraan alaatin mudachaa jiru maqsuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jira jedhan Hogganaan Biiroo Dhimma Hojjetaa fi Hawaasummaa Oromiyaa Obbo Araarsoo Biqilaan.

Biirichi imaammataa fi tarsiimoo mootummaan baase galmaan gahuuf bobbii hojii biyyaaleessa bu’a qabeessa taasisuun rakkoolee godaansa seeraan alaatiin mudachaa jiran hambisuuf xiyyeeffannaan hojjechaa jira jedhan.

Mootummaan dargaggoota ogummaan gahoomsuu fi rakkoo dhiyeessii faayinaansiin wal qabatanii jiran furuun carraa hojii biyya keessatti bal’inaan uumuun godaansa seeran alaa hambisuuf hojjetamaa jiraachuu kaasaniiru.

Godaansi seeraan alaa gaaga’ama lubbuu, miidhaa qaamaa fi mancaatii qabeenyaa qaqqabsiisuun nama dhuunfaa bira darbee biyya kan miidhu ta’uu kan eeran Obbo Araarsoon, rakkoo kana hir’isuuf qindoominaan hojjechuun murteessaa ta’uu himaniiru.

Dargaggeessi jijjiirama biyyaa dhugoomsuu keessatti gahee olaanaa qabaachuu ibsuun, faddaltota seeraan alaan gowwoomfamuun godaansa seeran alaatiif saaxilamuu irraa of qusachuu akka qabu dhaamaniiru.

Naannoo Oromiyaatti Godinaaleen saddeet godaansa seeran alaatiif saaxilamoo ta’uu qorannoon kan adda bahee fi kana hambisuuf dhaabbilee mootummaa fi miti mootummaa waliin qindoominaan hojjetamaa jira jedhan.

Ejensii fi Faddaaltota biyya keessaa fi alaa walitti hidhamiinsa faayidaa uumuun godaansa seeraan alaarratti bobba’uun lammilee rakkoolee wal xaxaaf saaxilaa jiran irratti tarkaanfiin seeraa kan fudhatamu ta’uu ibsaniiru.

ummannis dhaabbilee gocha seeraan alaa kana irratti bobba’an saaxiluu akka qabu hubachiisuu ragaan BKO irra argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.