Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan waadaa gochaan ibsuun imala Olka’iinsa Ityoophiyaa milkeessaa jira – TKM

Finfinnee, Fulbaana 23, 2018 (FMC) -Mootummaan waadaa gochaan ibsuun Olka’iinsa Ityoophiyaa milkeessaa jira jedhe Tajaajilli Kominikeeshinii Mootummaa.

Ergaan Tajaajila Kominikeeshinii Mootummaa akka itti aanutti dhiyaateera.

Mootummaan waadaa gochaan ibsuun imala Olka’iinsa Itiyoophiyaa milkeessaa jira.

Mootummaan jijjiiramichi dhugoomuu irraa eegalee waadaawwan gale raawwachaa, Itiyoophiyaa gara olkaa’iinsa maluufitti baasuuf imala badhaadhinaa miidhagsaa jira.

Mootummaan federaalaa mula’ata waggaa dura mataduree “Bara 2018 ifa abdii irraa gara ifa qabatamaatti ni ceena” jedhuun ibsame hojii qabatamaan argisiiseera.

Birmadummaa nyaataa mirkaneessuufis fageenya dheeraa deemneerra, maaddii guutuun, qonna gannaan, Ashaaraa magariisaa fi jallisii boneen deeggeramuun injifannoowwan gurguddoon galmaa’aniiru.

Bifa magaalotaa jijjiiruuf hojiiwwan hojjetamaniin magaalonni 70 ol ta’an haalli isaanii baay’ee jijjiirameera.

Sirni dhabamsiisa dhangal’aa, ittifayyadamni daandii lafoo fi konkolaattotaa, babal’inni bu’uuraalee misoomaa kanneen akka bishaanii, bilbilaa, elektirikaa fi kkf hojii misooma koriidarii magaalotaan baay’ee akka ammayyeeffaman ta’eera, ta’aas jira.

Yaadamni fi sirni qulqullina eeguu baay’ee jijjiiramaa dhufeera.
Finfinnee dabalatee magaalota keenya Afrikaaf fakkeenya akka ta’aniif hojjetamaa jira.

Dhiyeessii humna haareffamaa milkeessuuf galmi qabames Hidha haaromsaa jijjiirama seenessaa fideen dhugoomeera.

Itiyoophiyaarra darbee Afrikaa fi addunyaa biraaf deeggersa maallaqaa tokko malee pirojektota gurguddoo waloon milkeessuun akka danada’amu Hidhi Haaromsaa fakkeenya nuuf ta’eera.

Ministirri Muummeen keenya eebba Hidha Haaromsaa irratti pirojektonni gurguddoon biroo akka eegalaman, xumuramaa kan turanis akka eebbifaman waadaa galuun isaanii kan yaadatamuu dha.

Kunoo, pirojeektonni gurguddoon olka’iinsa Itiyoophiyaa ariifachiisan kan akka waarshaa gaazii uumamaa eebbifamaniiru; ijaarsi waarshaa dhimbiibbaa bob’aa fi waarshaa xaa’oo biyyee ni eegalame.

Itiyoophiyaan humna niwukileeraa misooma naga qabeessaaf oolchuuf waliigaltee mallatteessite; dhaabbilee idil addunyaa irraas deeggersa argatte
.
Kun hundi muuxannoon waadaa gochatti jijjiiruu kan fide, amantaa dhaabbilee idila addunyaa fi uummataa argachuun kan itti danda’ame, bu’aa tattaaffii mootummaa ti.

Mootummaan keenya ammas milkaa’inoota galmaa’anitti quufee kan rafu miti.

Imala badhaadhina Itiyoophiyaa jala jalaa milkeessaa, fedhiiwan guddachuu danda’an uumaa, badhaadhina caaluuf cimee itti fufa.

Dhaloota miindaa malee idaa hindhaalchifnu jechuunis Itiyoophiyaa dhamaatii waloo ijoollee isheen badhaateefi fakkeenya taate ijaaruun kalaqa, ariitii fi cichoomina olaanaan itti fufa.

Itiyoophiyaa addunyaa abdii haaraa!
Tajaajila Kominikeeshinii mootummaa

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.