Mootummaan waggoota darban bu’aawwan hedduu galmeessiseera – Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Mudde 4, 2018(FMC) – Mootummaan waggoota jijjiiramaa muraasa keessatti bu’aalee gammachiisoo hedduu galmeessiseera jedhan Pirezidaantiin Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdisaa.
Magaalaa Arbaa Mincitti bakka pirezidaanti Shimallis argamanitti mareen hawaasaa geggeeffameera.
Pirezidaanti Shimallis waltajjicha irratti akka dubbatanitti, mootummaan jijjiiramaa mootummaa namaaf hojjetuu fi badhaadhinaaf tattaafatu waan ta’eef waggoota jijjiiramaa muraasa keessatti bu’aalee gammachisoo galmeessiseera.
Nagaa fi tokkummaa irratti ga’een abbootii Gaamoo olaanaa dha jedhan.
Mootummaan nagaa, wal danda’uu fi walkabajuu baay’ee akka barbaaduu fi Naannoon Kibba Itiyoophiyaas fakkeenya nagaa fi wal danda’uu waan ta’eef, kana eeganii itti fufsisuun akka barbaachisu ibsaniiru.
Zoonin Gujii Lixaa fi zooniin Gaamoo waliin mari’achuun furmaata barbaaduun itti gaafatamummaan akka hojjetan kaasanii, nageenya paarkichaa eguun bu’aan isaa kan waloo waan ta’eef ummatootni lamaan walgargaaruun jijjiiramni akka dhufu abdii qaban ibsaniiru.
Bu’uuraaleen misooma daandii godina Gujii fi godina Diillaa wal quunnamsiisu nagaa fi badhaadhina dinagdeef murteessaa waan ta’eef daandiin asfaaltii sadarkaa isaa eeggate akka ijaaramuuf akka hojjetan eeraniiru.
Itti waamamaa olaanaan Mootummaa Kibba Itiyoophiyaa Gabira Masqal Caalaa gama isaaniin, akka naannootti waggoota jijjiiramaa keessatti qonnaa, indaastirii, albuuda, tuurizimii fi magaalota irratti bu’aaleen abdachisoon galmaa’uu dubbataniiru.
#Oromia #Ethiopia