Fana: At a Speed of Life!

Mootummaan xiyyeeffannoo misoomaaf kenne cimsee itti fufa – Obbo Tamasgeen Xurunaa

Finfinnee, Caamsaa 26, 2017(FMC) – Mootummaan xiyyeeffannoo nageenyaa fi misooma indaasitirii oomishaaf kenne cimsee  itti fufa jedhan Ministirri Muummee Itti aanaan FDRI obbo Tamsgeen Xurunaan.

Obbo Tamasgeen Xurunaan magaalaa Gondaritti, sosochii  “Itiyoophiyaan haa oomishtu, nutis haa bitannuu’’  3ffaa eegalchiisaniiru.

Eeksipoo kanarratti ergaa dabarsaniinis, Gondar damee misooma indaastirii oomishaa akka biyyaatti xiyyeeffannaan kennameef irratti ciminaan hojjetaa jirti jedhan.

Uummanni magaalattiis fedhii misoomaa guddaa akka qabuu fi kanarraas kan gufachiisu akka hin feene ibsan.

Eeksipoo kanarrtti Pirezidaantii naannichaa Araggaa Kabbadaa, Ministira Indaastirii Malaakuu Allebal dabalatee hoggantoonni sadarkaa naannoo fi federaalaa argamaniiru.

Layikun Alamtu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.