Mootummaan yaadama Ida’amuutiin magaalota keenya hawwatoofi jiraattotaaf mijatoo taasisaa jira- obbo Saadaat Nashaa
Finfinnee, Amajjii 23, 2018(FMC)- Mootummaan yaadama Ida’amuutiin magaalota keenya hawwatoofi jiraattotaaf mijatoo taasisaa jira jedhan Sadarkaa Pirezidaantii itti aanaa mootummaa naannoo Oromiyaatti Qindeessan Kilaastara Hawaasummaa obbo Saadaat Nashaan.
Obbo Saadaat Nashaa sagantaa fiigichaa mata duree ” Fiigicha Halkanii Adaamaa ” jedhuun Adaamaatti gaggeeffame wayita jalqabsiisaan ergaa dabarsaniin, mootummaan naannoo Oromiyaa magaalota keenya miidhagoo, jiraattotaaf mijatoo akkasumas giddugala turizimiifi diinagdee taasisuuf imaammataafi tarsiimoowwan adda addaa bochuun hojii hojjachaa jiruun bu’aawwan gurguddaan argamaa jira jedhan.
Yaadama ida’amuutinis magaalota hawatoofi jiraattotaaf mijatoo taasisaa jira jedhan.
Kaayyoon Figichi halkanii magaalaa Adaamaa kunis Magaalicha beeksisuun fuula gaarii bu’uura gaariirratti ijaaruu, turistoota harkisuun diinagdee si’eessuufi mul’ata ‘Smart City’ Adaamaa dhugoomsuuf kan qophaa’e ta’uu eeran.
Komishinarri Itti Aanaan Komishinii Turizimii Oromiyaa Naggaa Wadaajoo gama isaaniin, fiigichi guddaan kun magaalaan Adaamaa kooridara Turizimiifi diinagdee taatee akka itti fuftu taasisuuf ta’uu ibsaniiru.
Kantiiban Magaalaa Adaamaa Obbo Hayiluu Jaldeen ammoo bulchiinsi magaalichaa egeree Adaamaa bu’uura cimaarratti hundeessuuf hojjataa jiraachuu kaasanii, fiigichi halkanii guddaan akka biyya keenyaatti yeroo jalqabaaf Adaamaatti gaggeefame kun rakkoo waliigalaa magaalichi keessa ture uummata yaadachiisuun magaalaa keenya giddugala industiriifi konfiraansii taasisuuf halkaniif guyyaa hojjachuu akka qabnu kallattii kan nutti agarsiisuudha jechuu isaanii ragaan Kominikeeshinii Oromiyaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.