Morkii har’a Bireentifoord Arsenaal waliin taasisu…
Finfinnee, Guraandhala 5, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Ingilaandi torbee 26ffaan Arsenaal dursummaa isaa cimsachuuf morkiin Bireentifoordi waliin taasisu hawwiin eegama.
Har’a halkan sa’aatii 5:00 eegalee Bireentifoordi Arsenaal waliin taphata.
Arsenaal garaagarummaa Maanchiister Siitii waliin qabu caalmaatti bal’isuuf morkiin taasisu xiyyeeffannoo argateera.
Kilaboonni lamaan bara Faranjootaa 1902 eegalanii taphoota waliin taphatan 23 keessaa Arsenaal yeroo 11 yoo injifatu, Bireentifoord si’a 6 injifachuun, taphoota 6 ammoo qabxii qoodataniiru.
Taphoota piriimeer liigichaa hanga ammaatti taphatamaniin Arsenaal taphni tokko osoo isa hafuu qabxii 56’n liigicha yoo dursu, Maanchiister Siitiin qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Astoon Viilaan qabxii 50’n sadarkaa 3ffaarra jira.
Bireentifoordi qabxii 39 walitti qabachuun sadarkaa 7ffaa qabateera.
Taphataan sarara fuulduraa kilaba Arseenaal Kaayi Havartiz miidhama qaamaa salphaa mudateen tapha kilabni isaa Bireentifoordii waliin galgala qabu irratti hin hirmaatu.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.