Morkii Maanchiister Yuunaayiitiidi fi Astoon Viilaa…
Finfinnee, Bitootessa 6, 2018 (FMC) – Taphoota Pirimeer liigii Ingiliz torbee 30ffaan Taphni har’a Maanchiister Yuunaayitiid Astoon Viilaa waliin taphatu ni eegama.
Har’a waaree booda sa’aatii 11:00 eegalee taphoonni 3 kan taphataman yoo ta’u, Kiristaal Paalaas – Liidis Yuunaayitiid, Notingahaam Forest – Fuulhaam waliin yoo taphatan, sa’aatuma kanatti morkiin Maanchiister Yuunaayitiid – Astoon Viilaa waliin taasisu ni eegama.
Yuunaayitiidi fi Viilaan taphoota hanga ammaatti taphatameen qabxii 51walqixa walitti qabachuun galchiin walcaaluun sadarkaa 3ffaa fi 4ffaarratti argamu.
Galgala sa’aatii 1:30 jalqabee falmiin Liiverpuul – Tootenhaam waliin taasisuus ni eegama.
Liiverpuul hirmaannaa Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara dhufuu argachuuf, Tootenhaam ammoo sodaa gara gadiitti bu’uu qabu jalaa ooluuf morkiin taasisan akkaan eegama.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.