Fana: At a Speed of Life!

Morkii Woolviis Arsenaal waliin taasisu…

Finfinnee, Guraandhala 11, 2018 (FMC) – Piriimeer Liigii Ingiliziin har’a Woolviis dursaa liigichaa Arsenaal waliin taphata.

Gabatee liigichaan sadarkaa dhumaarratti kan argamu Woolviis dursaa liigichaa Arsenaal waliin har’a halkan sa’aatii 5:00 eegalee morkiin taasisu ni eegama.

Arsenaal dursummaa isaa caalmaatti cimsachuuf falmii cimaa taasisaan eegama.

Kilaboonni lamaan taphoota hanga ammaatti waliin taphatan 120 keessaa Arsenaal yeroo 61 yoo injifatu, Woolviis si’a 31 injifachuun, yeroo 28 ammoo qabxii qooddataniiru.

Taphoota hanga ammaatti taphatamaniin Arsenaal qabxii 57 walitti qabachuun liigicha yoo dursu, Maanchiister Siitiin qabxii 53’n sadarkaa 2ffaa fi Astoon Viilaan ammoo qabxii 50’n sadarkaa 3ffaarra jira.

Woolviis qabxii 9 qofa walitti qabachuun 20ffaarratti argama.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.