Motummaan Qulqullina barnootaaf xiyyeeffannoo kennee hojjechaa jiraachuun ibsame
Finfinnee, Ebla 24, 2017 (FMC) –Mootummaan Qulqullina Barnootaaf xiyyeeffannoo olaanaa kennee hojjechaa Jiraachuu Biiroo Barnootaa Oromiyaa ibse.
Baajata Mootummaa Federaalaan kan ijaaramu Manni Barumsaa Moodeelaa Sadarkaa 2ffaa Aagaa Xeenxannoo Godina Gujii Bulchiinsa magaalaa Shaakkisootti eegaleera.
Manni Barumsaa Moodeelaa kun Ministeera Barnootaan kan ijaaramu ta’uu Hogganaa itti aanaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Galaanaa Waldamikaa’eel Faanaa Diijitaaliif himaniiru.
Manni Barumsichaa Baasii Birrii miiliyoona 500 oliin kan ijaaramuu fi baatii 10 -12 keessatti kan xumuramu ta’uus Dooktar Galaanaan eeraniiru.
Ijaarsi manneen barnootaa moodeelaa qulqullina barnootaaf gahee olaanaa qabaachuus dubbataniiru.
Mootummaan Federaalaa fi naannoo sadarkaa hundatti manneen barnootaa sadarkaa isaanii eeggatan ijaaraa jiraachuu himaniiru.
Sirna eegalchiisa Ijaarsa Mana Barumsicharratti Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaa, Sadarkaa Pireezidaantii itti aanaatti Qindeessaan Kilaastera Hawaasummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Saadaat Nashaa,Hogganaan Biiroo Barnootaa Oromiyaa Dooktar Tolaa Baariisoo fi hoggantonni naannoo fi federaalaa biroon argamaniiru.
Tsahaay Gulummaatiin