Muuzii fi fuduraalee Sanyii filatamoo Godina Shawaa Lixaatti…
Finfinnee, Bitootessa 17, 2018 (FMC)- Godina Shawaa Lixaatti bara kana lafa heektaara kuma 3 fi 750 irra muuzii fi fuduraalee biroo miliyoona 6 ol dhaabuuf hojjettamaa jira jedhe Waajjirri Qonnaa godinichaa.
Godinichatti dhaabbiin Muuzii Sanyii filatamaa Aanaa Tokkee kutaayeetti gaggeeffameera.
Godinichatti hojiileen diinagdee qonnaan bultoota cimsuuf hojjetamaa jiran keessaa tokko hojii kuduraafi muduraati.
Fedhii kuduraa hawaasni godinichaa qabu guutuu fi diinagdee qonnaan bultoota godinichaa dabaluuf sanyiin muuzii foyya’aa dhaabuun babaldhisuuf hojjettamaa jira.
Bulchaan Godinichaa obbo Didhaa Guddataan qonnaan bultoonni carraa kanatti fayyadamuun diinagdee isaanii cimsuun, cinatti fedhii hawaasni godinichaa gama kuduraan jiru guutuuf hojjetama jira jedhan.
Hojiileen misooma Iniisheetiivii godinichatti hojjetamaa jiru abdaachiisoo ta’uu himaniiru.
Wabii midhaan nyaataa mirkaneessuu keessatti oomishini muduraa shoora olaanaa waan qabuuf xiyyeeffannoon innisheetiivii mootummaan baase hojiirra oolchuun poteeshaala godinichaa adda baasuun walitti hidhaminsa gabaa uumuun hojjetamaa jiraachuu himaniiru.
Bulchaan Aanaa Tokkee Kutaayyee obbo Wayyeessaa Alamuu gamsaaniin, Aanichaatti hanga ammaatti Lafa heektaara kuma 1fi 444 irratti Muuzii Sanyii Filatamaa dhaabamuu dubbachuu Waajjirri Kominikeeshinii Godinichaa Faanaa Diijitaaliif ibseera.
#Oromia #Ethiopia