Naannawaa daangaa Itiyoophiyaafi Keeniyaatti fayyadamummaa uummataa cimsuuf…
Finfinnee, Sadaasa 17, 2018(FMC)- Naannawaa daangaa Itiyoophiyaafi Keeniyaatti fayyadamummaa gama maraa uummataa cimsuuf tumsaan hojjechuun barbaachisaadha jedhame.
Sagantaan xumura pirojektii fayyadamummaa misoomaa, nageenyaafi bulchiinsa gaarii uummata naannawaa daangaa biyyoota lameenii mirkaneessuuf hojjetamaa ture gaggeeffameera.
Saganticharratti bakka bu’oonni Ministeerota Qonnaafi Nageenyaa, hoggantoonni Godina Booranaa, dhaabbileen siiviilii hawaasaafi hoggantoonni mootummaa Keeniyaa argamaniiru.
Gorsaan Ministeera Nageenyaa Ambaasaaddar Isheetuu Dassee wayita kana uummanni daangaa biyyoota lameeniirra jiraatu aadaa, afaaniifi haala jireenyaa wal fakkaataa qaba jedhan.
Nageenya uummata kanneenii eegsisuufi hariiroo isaanii guddisuuf biyyoonni lameen tumsaafi qindoominaan hojjechaa jiraachuus eeraniiru.
Walitti qabaan Boordii Inistiitiyuutii Qorannoo Qonnaa Itiyoophiyaa Dooktar Abarraa Dheeressaa gama isaaniin, kuufama qabeenya uumamaa naannawicha jiru haalaan misoomsuuf tumsaan hojjetamaa jira jedhan.
Gama Kanaan pirojektiin ‘Voolantar Sarvis Ovarsiis’, waldaalee siiviilii biroofi mootummaan waliin ta’uun waggoottan darban hojjetamaa turan bu’aa qabeessa akka turan Faanaa Dijiitaaliif ibsaniiru.
Hariiroon uummattoota naannawaa daangaa Itiyoophiyaafi Keeniyaa jiraatanii akka jabaatuuf hojjechuun barbaachisaadha kan jedhan ammoo hogganaa Sagantaalee ‘VASO’ Aziikeel Askiisuudha.
Dhaabbatichi hariiroo gama maraa biyyoota lameenii cimsuuf rakkoolee mul’atan furuuf pirojektiin mootummoota biyyoottan lameenii waliin hojjete bu’aa jajjabeessaa fiduu eeraniiru.
Itiyoophiyatti Bakka Bu’aan ‘VASO’ Dooktar Tamasgeen Alamuu ammoo rakkoolee hongee, daddabarsa namaa seeraan alaa, haleellaa koorniyaafi kanneen biroo naannawaa daangaa biyyoota lameeniitti darbee darbee mul’atu maqsuuf tumsi qaamolee qooda fudhattootaa barbaachisaa ta’uu hubachiisan.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.