Naannawaa Daangaa Qilleensaa Itiyoophiyaa haleellaa kamiiyyuurraa qolachuurra darbee hojii seenaa haaromsuu itti fufna – L/J Yilmaa Mardaasaa
Finfinnee, Ebla 10, 2017 (FMC) – Naannawaa Daangaa Qilleensaa Itiyoophiyaa haleellaa kamiiyyuurraa qolachuurra darbe hojii seenaa haaromsuu itti fufna jedhan Ajajaa Olaanaan Humna Qilleensaa Itiyoophiyaa Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan.
Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan, Teeknishaanootaa fi Injinaroota Xiyyaara Pireezidaantii duraanii Itiyoophiyaa Mangistuu Hayilamaariyaam waggoota 37 oliif gatamee ture haaromsuun gara tajaajilaatti deebiisan galateeffataniiru.
Xiyyaarichaaf suphaan guutuu fi teeknooloojiin ammayyaa yeroo madaalu kan hidhameef ta’uu kaasaniiru.
Xiyyaarichi suphamuun gara Tajaajilaatti deebi’uu isaatti daran gammaduu Leetanaal Jeneraal Yilmaa Mardaasaan ibsaniiru.
Kaanaadaatti kan hojjetame Xiyyaarri seenaa qabeessi Pireezidaantii duraanii Itiyoophiyaa Mangistuu Hayilamaariyaam wayita biyyaa baqatan hanga Keeniyaatti ittiin imalan DHC – Buffalo jedhamu suphamuun tajaajila balalliitti deebi’uu ragaan fuula Raayyaa Ittisaarraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia
#Oromia #Ethiopia