Naannichatti piroojektoota misoomaa garaagaraa eebbisiifaman
Finfinnee, Hagayya 26, 2017(FMC)- Sadarkaa Ministira Muummee Itti aanaatti Hogganaan Giddugala Qindeessa Ijaarsa Sirna Diimookiraasiifi Pireezidaantii itti aanaan Paartii Badhaadhinaa obbo Adam Faaraah Naannoo Sidaamaatti piroojektoota misoomaa garaagaraa eebbisiisaniiru.
Obbo Adam Faaraah magaalaa Hawaasaa Kutaa Magaalaa Daakaatti Waajjira Paartii Badhaadhinaa abbaa darbii 5 fi bu’uuraalee misoomaa biroo eebbisiisuun tajaajila eegalchiisaniiru.
Sagantaa kanarratti pireezidaantii naannichaa obbo Dastaa Leeddaamoofi Hogganaa Damee Uummataafi Hariiroo Idil-addunyaa Paartii Badhaadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaa dabalatee hoggantoonni olaanoo biroon argamaniiru.
Hoggantoonni kunneen hojii misooma kooriidariifi hojiilee misoomaa biroo magaalichatti hojjetamaa jiranis daawwataniiru.
Xilaahun Yilmaatu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.