Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti damee Tuurizimiirraa galiin Birrii miiliyoona 100 argamuun ibsame

Finfinnee, Caamsaa 13, 2017 (FMC) –Naannoo Hararitti baatiwwan saglan darban tursitoota biyya keessaa fi alaarraa galiin Birrii miiliyoona 100 argamuu Biiroon Aadaa fi Tuurzimii naannichaa ibse.

Hojiiwwan bu’uuraalee misoomaa iddoo hawwata tuurizimii babali’suufi xiyyeeffannaan damichaaf kenname galii naannichi tuurizimiirraa argatuu akka dabalu taasisuu Itti aanaa Hogganaan Biiroo Aadaa fi Tuurizimii naannichaa Obbo Naasir Ahimad ibsaniiru.

Harar dhiheenya miseensa federeeshinii magalootaa Tuurizimii idil addunyaa ta’uu yaadachiisuun, kunis muxxanoon idil addunyaa akka argamuufi yaa’iinsi tuuristootaa akka dabaluu taasisa jedhaniiru.

Yaasin Shamsaddintu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.