Naannichatti haaromsa aadaa gaggeessuun eenyummaa ganamaa cimsuuf hojatama jira – Obbo Shimallis Abdiisaa
Finfinnee, Fulbaana 23, 2018 (FMC) – Akka naannoo Oromiyaatti haaromsa aadaa geggeessuun eenyummaan uummaticha akka sirriitti guddatuuf hojjetamaa jira jedhan Pireezidaantiin Mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan.
Kabaja ayyaana Irreechaa bara 2018 sababeeffachuun fooramiin irreechaa 7ffaan magaalaa Bishooftuutti taa’amee jira.
Pireezidaantiin Mootummaa Naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaan wayituma kana dubbii dubbataniin, ayyaani Irreechaa barootaaf rakkoo gara garaa keessa ture amma sirriitti kabajamee ummaatni aadaa fi duudha isaa ibsachuu akka danda’uuf carraa gaariin uumamuu kaasan.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa haaroomsa aadaa gaggeessaa jiraachuu kan dubbatan obbo Shimallis, aadaa fi duudhaan uummatichaa ganamaa akka dagaaguuf xiyyeeffannoon hojjetamaa jiraachuu eeran.
Haaroomsa aadaa gaggeefameenis jijjiiramni guddaan dhufuufi gara fuulaa duraattis caalmaatti kan irraatti hojjetamu ta’uu kaasaniru.
Boqonaan ammaa irra geenye jabaannee akka hojjennu fi boqonnaa haaraa biraaf akka qophoofnu kan nuu kakaasuus jedhan.
Miidhaksaa Qachaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.