Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti kurmaana jalqabaa bara 2018 dameelee hundaan bu’aa jajjabeessan galmaa’e- Obbo Ordiin Badrii  

Finfinnee, Onkoloolessa 11, 2018 (FMC)-Naannoo Hararitti kurmaana jalqabaa bara 2018’tti  dameelee hundaan bu’aaleen jajjabeessaan galmaa’aniiru jedhan Pirezidaantiin Naannichaa Obbo Ordiin Badriin.

Naannichatti gamaaggamni raawwii karooraa qaamolee raawwachiistuu kurmaana jalqabaa bara 2018 gaggeeffamaa jira.

Waltajjicharratti Obbo Ordiin Badrii, gamaaggamichi dhaabbileen raawwachiistuu raawwii karooraa kurmaana 1ffaa qorachuun hojii fuula duraaf qophaa’uuf dandeessisa jedhan.

Kurmaana jalqabaatti dameelee hundaan bu’aaleen jajjabeessan galmaa’uu ibsuun, bu’aalee argaman itti fufsiisuu fi hanqinoota maksuuf kan kaayyeeffatedha jedhan.

Dhaabbileen hojiilee hojjetaniin hawaasa hagam fayyadamoo taasisan dhimmi jedhuu gamaaggamichaan xiyyeeffannoon addaa kan kennamuuf ta’uu Hogganaan Biiroo Kominikeeshinii Naannichaa Henook Muluneh Faanaa Diijitaaliif ibsaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.