Naannichatti qonna gannaa bara kanaan hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 8.9 qotame
Finfinnee, Adoolessa 2, 2017 (FMC) –Naannoo Oromiyaatti qonna gannaa bara kanaan lafa hektaara miiliyoona 10.8 misoomsuuf karoorfamee hanga ammaatti lafti hektaarri miiliyoonni 8.9 qotame jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.
Lafa qotame keessaa hektaarri miiliyoonni 4.8 ol sanyiin uwwifamuu fi kan sanyii akaakuu garaagaraan uwwifame keessaa hektaarri miiliyoona 2.3tti hiiqu kilasteraan kan faca’e ta’uu Hogganaa Itti Aanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa obbo Bariisoo Fayyisaan Faanaa Diijitaaliitti himaniiru.
Lafa qonna gannaan misoomsuuf karoorfame keessaa hektaarri miiliyoonni 8 ol kilaasteeran kan misoomu ta’uu dubbatan.
Bara kana Roobni gannaa harkifatee eegalus haalli qophii lafaa fooyyee qabaachuu kaasan obbo Bariisoon.
Teeknooloojii qonnaa guutuutti fayyadamuun qonnaan bultoota biratti daran dabalaa jira jedhan.
Xaa’oo uumamaa (varmii Kompoostii) meetir Kuuyibii miiliyoona 100 ol qopheessuuf karoorfamee karooraa ol raawwatamuu himan obbo Bariisoon.
Hojiin xaa’oo uumamaa qopheessuu hojii eegumsa biyyoo fi bishaanii waqtii bonaa hojjetamaa tureen walcinaa bifa qindoomina qabuun hojjetamaa turuu ibsan.
Xaa’oon uumamaa xaa’oo keemikaalaa bakka bu’uu baatus xaa’oon keemikaalaa karaa guutuu ta’een oomisha gaarii akka kennuuf gumaacha olaanaa akka qabu eeran.
Hojiin dhiyeessii callaa guddiftuus bifa walirraa hin cinneen itti deemamaa akka jiru dubbatan obbo Bariisoo Fayyisaan.
Sanyii filatamaan akaakuun garaagaraa kuntaalli miiliyoonni 1. 7 ol dhiyaachaa jiraachuu kaasaniiru.
Dhiyeessiin galteewwan qonnaa guutuun karaa Federeeshinii Waldaalee Hojii Gamtaa Qonna Oromiyaan gatii madaallawaan waan dhiyaataniif qonnaan bultoonni bitachuun itti fayyadamuu akka qaban yaadachiisaniiru.
Qonnaan bultoonni yeroo isaanii osoo hin qisaasessin sirnaan fayyadamuun oomishaa fi oomishtummaa barbaadamu argachuuf akka hojjetan dhaaman obbo Bariisoon.
Waliigala bara oomishaa 2017/18 callaa kuntaala miiliyoona 300 fi miiliyoona 68 ol argachuuf karoorfamuu ibsan.
Siifan Magarsaatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.