Fana: At a Speed of Life!

Naannichatti riqaaleen daandiiwwan baadiyyaa 65 baasii birrii MIiliyoona 400’n ijaaramaa jiru

Finfinnee, Hagayya 10, 2017(FMC) – Naannoo Oromiyaatti riqaaleen gandoota baadiyyaa fi aanaa walquunnamsiisan 65 tumsa mootummaa fi dhaabbata miti mootummaan baasii Birrii miIliyoona 400 oliin ijaaramaa jiraachuun ibsame.

Ijaarsi riqaalee kanneenii guutummaatti waggaa sadii keessatti xumuramuun tajaailaaf banaa ta’u.

Baasiin ijaarsa riqaalee kanneeniif ramadame %80’n baajeta mootumaa yoo ta’u, %20’n ammoO tumsa dhaabbata mit-mootummaa “Helvetus International” jedhamuun kan uwwifamuu dha.

Riqaalee kanneen keessaa 50 xumuramanii hawaasa tajaajiluu eegaluu dhaabbatichatti Ittigaafatamaan Tumsaa fi Misoomaa Tafarraa Alamaayyoo Faanaa Miidiyaa Korporeeshinitti himaniiru.

Riqaalee kanneen keessaa tokko Godina Shawaa Lixaa Aanaa Iluu Galaanitti baasii Birrii miiliyoona jahaan ijaaramee xumuramuun har’a taaajilaaf banaa kan ta’eedha.

Riqichi meetira 85 dheeratu kun gandoota baadiyyaa sadii walquunnamsiisa.

Riqichi ijaaramee xumuramuun tajaailaaf banaa ta’uun rakkoo namaa fi beelladoota irra barootaaf ga’aa ture kan fure ta’uu jiraattonni ibsaniiru.

Akka Godina Shawaa Lixaatti riiqaaleen akkasii afur Birrii miliyoona 25 oliin ijaaramanii xumuramuu Ittigaafatamaan Waajira Daandiiwwanii fi Loojistiksii Godina shawaa Lixaa Injinar Qananiisaa Abdiisaa dubbataniiru.

Hawaasni bu’uuraalee misoomaa rakkoo furuuf mootummaan ijaaraa jiru akkanaa kunuunsuun itti fayyadamuu akka qabus hubachiisaniiru.

Milkeessaa Sobbooqaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.