Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Afaar magaalota garaa garaa keessatti hiriirri daggersaa milkaa’ina jijjiirama biyyaalessaaf beekamtii kennu gaggeeffame

Finfinnee, Bitootessa 25, 2018 (FMC) – Waggaa 8ffaa injifannoo jijjiirama biyyaalessaa sababeeffachuun magaalota naannoo Afaar garaa garaa keessatti hiriirri deeggarsaa milkaa’inoota argamaniif beekamtii kennu gaggeeffameera.

Hirmaattonni hiriira deeggarsaa kanaa ergaawwan deemsa mootummaa jijjiiramaa deeggaran fi itti fufiinsa isaa ibsan dhageessisaniiru.

Keessattuu, Bitootessaa hanga Bitootessaatti milkaa’ina hedduun galmaa’uu isaa ibsuun, deemsa fakkeenyummaa fi tarkaanfiiwwan bu’uuraa Bitootessa 24’n raawwataman dinqisifataniiru.

Hirmaattonni hojiiwwan misoomaa mootummaa jijjiiramaatiin raawwatamaa jiran deeggaruun, fuldurattis hojii fooyya’aa hojjechuuf mootummaa waliin qindoominaan akka hojjetan mirkaneessaniiru.

Dabalataanis, dhaadannoowwan adda addaa milkaa’inoota kana mul’isan:

* “Bitootessi 24 bu’uura cimaa deemsa fakkeenyummaa keenyaati,”

* “Tarkaanfii bu’uura qabuun gara fakkeenyummaatti,”

* “Firiin Bitootessa 24 deemsa fakkeenyummaa badhaadhina dhalootaati”
kanneen jedhan dhageessisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.