Fana: At a Speed of Life!

Naannoo Harariitti sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa eegale

Finfinnee Adoolessa 12, 2017 (FMC) -Pireezidaantiin Naannoo Hararii obbo Ordiin Badiriin sagantaa dhaabbii Biqiltuu Ashaaraa magariisaa bara kanaa eegalchiisan.

Sagantaan Ashaaraa magariisaa waggoottan 6 darban keessa gaggeeffame bu’aa gaarii galmeessuu ibsan Ordii Badiriin.

Akka naannichaatti biqiltuuwwan dhaabbatan keessaa % 82 latuu Pireezidaantii Itti Aantuu fi hoggantuun Biiroo qonnaa naannichaa aadde Roozaa Umar himaniiru.

Bara kana biqituuwwan wabii nyaataa mirkaneessanii fi eegumsa biyyoo fi Bishaaniif oolan miiliyoonni 1.8 ol ni dhaabbatu jedhan.

Sagantaan ashaaraa magariisaa bara kanaa mata duree ‘Dhaabuun Dandamachuu’ jedhuun gaggeeffamaa jira.

Naannoo Harariittis saganticha har’a Dirree Xiyyaaraatti bakka hoggantoonni mootummaa naannichaa, Hoggantoonni Raayyaa Ittisaa Ajaja Bahaa fi kutaaleen hawaasaa argamanitti eegaleera.

Tasfaayee Hayiluutu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.