Fana: At a Speed of Life!

Naannoolee Oromiyaa fi Amaaraatti  ruuziin baay’inaan oomishamuuf

Finfinnee, Caamsaa 26, 2017 (FMC) – Naannoolee Oromiyaa fi Amaaraatti  ruuziin baay’inaan akka oomishamuuf hojjetamaa jira.

Hogganaa ittiaanaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Bariisoo fayyisaa Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, qonna gannaa 2017/18tiin  ruuzni lafa heektaara miliyoona 1 fi kuma 500  irratti ni oomishama.

Lafti misooma kanaaf oolus kan adda baafame yoo ta’u, kanarraas oomishni kuntaala miliyoona 40 ol ni argamaan eegama.

Haaluma walfakkaatuun naannoo Amaaraatti lafa hektaara kuma 400 irratti ruuzii oomishuuf jira jedhan, Daarikteerri Misoomaa fi eegumsa Midhaanii Biiroo Qonnaa Naannichaa Dooktar Maandafiroo Aslaakee.

Kanaanis hetaara tokko irraa oomishni kuntaalli 55 akka aragamuuf hojjetamaa jira.

Zufaan Kaasaahuntu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.