Fana: At a Speed of Life!

Naannoolee Oromiyaa fi Harariitti barattoonni kumni 200 ol qoramaata biyaalessaa kutaa 12ffaaf qophaa’an

Finfinnee, Caamsaa 26, 2017 (FMC) – Naannoolee Oromiyaa fi Harariitti barattoonni kumni 200 fi kumni 2 ol qoramaata biyaalessaa kutaa 12ffaaf qophaa’aniiru.

Naannoo Oromiyaatti barattooni kuni 200 ol waraqaa fi onlaayiniin akka qoramaniif qophaa’amaa jira jedhan gorsaan Biiroo Barnootaa Naannichaa Efreem Tasammaa.

Haaluma walfakkaatuun Naannoo Harariittis barattoonni kumni 2 fi 200 ta’an qormaataaf qophaa’uu isaanii kan ibsan hogganaa Biiroo Barnootaa Naannichaa Geetuu Latoo ti.

Akka hoggantoonni lamaan jedhanitti, naannoo Oromiyaatti barattoonni kumni 28 ol, akka naannoo Harariitti ammoo kumni 1 fi 900 onlaayiniin qortamuuf qophaa’aniiru.

Qabxiin fooyya’aan akka galmaa’uufis barattoota kanneeniif barnootni dabalataa kennamaa jira.

Sintaayyoo Abbabaatu gabaase.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.