Naannooleen kudhan Deeggarsa Namoomaa ofii isaaniin guutuu danda’aniiru- Komishinicha
Finfinnee, Hagayya 3, 2017 (FMC)- Hojii hirkatummaa hambisuuf hojjetamaa jiruun naannooleen kudhan deeggarsa namoomaa gosa hunda ofii isaaniin guutuu danda’aniiru jedhan Komishinarri Komishinii Hoggansa Sodaa Balaa Itiyoophiyaa Dooktar Shifarraaw Taklamaariyaam.
Dhimmoonni Hoggansa Sodaa Balaa Ajandaa nageenya biyyaalessaa, mirga namoomaa fi haqa hawaasummaa ta’uu ibsaniiru.
Akkasumas ijaarsa nageenyaa fi misooma itti fufiinsa qabu kan mirkaneessuu ta’uu himaniiru.
Haaluma kanaan dhimmoota biyyaalessaa kanneen walitti ida’uun hojjechuun murteessadha jedhan.
Damichaan hojiileen hojjetamaa jiran kan jajjabeeffaman ta’uu eeruun, Yaa’iin Sirna Nyaataa Mootummota Gamtoomanii Itiyoophiyaatti gaggeeffame agarsiistuu ta’uu dubbataniiru.
Deeggarsa namoomaa mirkaneessuuf hojiilee hojjetamaniin naannooleen kudhan deeggarsa namoomaa akaakuu hundaanuu ofii isaaniin guutaa jiraachuu Dooktar Shifarraaw himuu TOI gabaaseera.
Deeggarsa namoomaa alaa galaa ture dandeettii ofiin guutuun danda’amuu kaasaniiru.
Naannooleen deeggarsa namoomaa dandeettii ofiin uwwisuuf bara baajataa xumurame lafa heektara kuma 100 ol qotuun akka ta’ee hubachiisaniiru.
Bara kanas cimsanii itti fufuun barbaachiisaa ta’uu ibsuun, oomishaa fi oomishtummaa fooyya’aa argachuuf qophiin barbaachisu taasifameera jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok:https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.