Fana: At a Speed of Life!

Naannoon Oromiyaa balaa tiraafikaa hir’isuuf hojiin fakeenyummaa qabu hojjetaa jira – Ministeericha

‎Finfinnee, Amajjii 23, 2018 (FMC) – ‎ Naannoon Oromiyaa balaa tiraafikaa hir’isuuf hojiin fakeenyummaa qabu hojjetaa jira jedhe Ministeerri Geejjibaa fi Loojistiksii.

Yeroo ammaa Itiyoophiyaatti waggaan lubbuun namoota kuma 3 ol balaa tiraafikaa darbaa jiraachuu ibse ministeerichi.

Guyyaan ayyaana Tiraafikaa akka naannoo Oromiyaatti magaalaa Shaashamanneetti kabajamaa jira.

Balaa tiraafikaa lubbuu namaa fi qabeenyaa mancaasaa jiru hir’isuuf hojjetamaa jira jedhan Ministir Deetaan Ministeera Geejjibaa fi Loojistiksii obbo Baaraahoo Hasan.

Naannnoon Oromiyaa balaa tiraafikaa hir’isuuf hojii fakeenyummaa qabu hojjetaa jiraachuu dubbatan.

Keessattuu hubannoo hawaasaa cimsuuf manneen barnootaa jalqabee hojiin hojjechaa jiru abdii kan namatti horatu ta’uu kaasan.

Akka naannoo Oromiyaatti waggaan lubbuun namoota kuma tokko olii balaa Tiraafikaan darbaa jiraachuu Itti Aanaa Hogganaan Ejansii Geejjibaa Oromiyaa obbo Laachisaa Hayyuun himaniiru.

Balaa tiraafikaa hir’isuuf xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu Itti Aanaan Komishinara Jeneraalaa fi Hogganaan Qajeelcha Muummee Damee Ittisa Yakkaa Poolisii Oromiyaa Darajjee Baay’isaan hubachiisaniiru.

Xilahuun Yilmaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.