Nageellee Arsi fi Arbaa Minciqixa ba’an
Finfinnee, Guraandhala 15, 2018 (FMC)-Sagantaa tapha priimer Liigii CBE Itiyoophiyaa torbee 20ffaan Nageellee Arsii fi Arbaa Minci fixa ba’aniiru.
Guyyaa sa’aatii 9 irratti Istaadiyeemii Yuunivarsiitii Hawaasaatti tapha taphatameen galchii 1 fi 1’n qixa ba’aniiru.
Tapha kanaan Nageellee Arsiif Daawwiit Tafarraa walakkaa jalqabaatti yoo lakkoofsisu, Fiqir Gizaachoo ammoo Arbaa Minciif walakkaa 2ffaatti lakkoofsiseera።
Sa’aatii walfakkaataatti istaadiyeemii Yuuniivarsiitii Saayinsii fi Tekinooloojii Adaamaatti kan taphatan magaalaan Dirre Dawaa fi Magaalaan Hawaasaa 1fi1’n adda ba’aniiru.
Magaalaa Hawaasaaf Shimallis Baqqalaa yoo lakkoofsisu, Magaalaa Dirre Dawaaf ammoo Diladdis Gabiree galcheera.
Sa’aatii 12 irrattis Istaadiyeemii Yuuniivarsiitii Hawaasaatti magaalaan Shaggar Itiyoo Elektirik waliin taphata.
Bunni Sidaamaa fi Walwaaloo Addigraatis sa’aatiima walfakkaataatti istaadiyeemii Yuuniivarsiitii Saayinsii fi Tekinooloojii Adaamaatti kan taphatan ta’a.
#Oromia #Ethiopia