Nageellee Arsii 1 – 1 Madin Itiyoophiyaa
Finfinnee, Ebla 1, 2018 (FMC) – Taphoota Piriimeer Liigii Itiyoophiyaa torbee 26ffaan taphni Nageellee Arsii fi Madin Itiyoophiyaa gidduutti taphatame qixaan xumuramee.
Nageellee Arsiin dursaa turus dhumarratti galchii keessummeessuun qabxii qooddachuuf dirqameera.
Tapha har’a waaree booda sa’aatii 7:00 eegalee Istaadiyeemii Abbabaa Biqilaatti taphatame kanaan Kiitiikaa Jimaan daqiiqaa 22ffaarratti Nageellee Arsiif, Biruuk Balaachoon ammoo daqiiqaa 80ffaarratti Madin Itiyoophiyaaf galchii tokko tokko lakkoofsisaniiru.
Siifan Magarsaatiin
#Oromia #Ethiopia