Nageenya biyyaalessaa bu’uuressuuf dudhaalee hawaasummaatti sirnaan fayyadamuun barbaachiisaadha
Finfinnee, Waxabajjii 18, 2017 (FMC)-Nageenya biyyaalessaa bu’uuressuuf dudhaalee hawaasummaatti sirnaan fayyadamuun barbaachiisadha jedhan Ministirri Ministeera Nageenyaa Mahaammad Idiriis.
Waltajjiin marii mata duree “ qabeenya hawaasummaa keenya tokkummaa biyyaalessaaf” jedhuun Ministeera Nageenyaan qindaa’e gaggeeffamaa jira.
Waltajjicharratti obbo Ahimad Idiriis dabalatee, Miseensoonni Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa, Kominishinarri Komishinii Maree Biyyaalessaa Pirofeesar Masfin Ar’ayaa, Jaarsoliin Biyyaa, Abbootiin Amantaalee fi hoggantoonni biroon argamaniiru.
Obbo Ahimad, Itiyoophiyaan biyya dudhaalee aadaa heddu qabdu ta’uu ibsuun qabeenya qabdu tokkummaa biyyaalessaa fi nageenya waaraa bu’uuressuuf itti fayyadamuu qabdi jedhan.
Pirofeesar Masfin Ar’ayaan gamasaaniin, haala biyyattii hubachuun qaama furmaata rakkoo ta’uun hunda keenyarraa eegama jedhan.
Qiddisti Abaataatu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: https://www.facebook.com/FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.