Nageenya waareessaa imala guddina Itiyoophiyaa saffisisuuf waloon cichoomuu qabna- Obbo Tamasgeen Xurunaa
Finfinnee, Qaammee 2, 2017 (FMC)– Nageenya waareessaa imala guddina Itiyoophiyaa saffisisuuf waloon cichoomuu qabna jedhan Ministirri Muummee Itti Aanaa obbo Tamasgeen xurunaan .
Obbo Tamasgeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin ergaa dabarsaniin, Qaammee 2 Guyyaa Gamtaa sababeeffachuun Waltajji biyyaalessaa mata Duree “ Nageenya keenyaa Waareessuun Olkaa’iinsa Itiyoophiyaaf “ jedhuun gaggeessuu ibsaniiru.
Bara baajataa xumuramaa jiru keessa Hidha Guddicha Haaroomsaa Itiyoophiyaa xumuruu, Xaa’oo oomishuuf Waliigaltee mallatteessuu, Misooma Koriidarii, Ashaaraa Magariisaa fi hojiilee misoomaa guguddoo biroon kan itti hojjetamaniidha jedhan.
Bu’aawwan kanneen cimsanii itti fufsiisuuf nageenya waareessuun barbaachiisaa ta’uu himaniiru.
Itiyoophiyaan Afaan, Aadaa ,Amantii, Seenaa ilaalcha, garaagarummaa saalaan miidhagduudha jedhan.
Baandawwan keessaa fi alaa walitti bu’iinsaaf ka’uumsa ta’an qolachuun imala badhaadhinaa saffisisuun, nageenya keenyaa bu’uura cimaarratti ijaarra jechuun ibsaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.