Nageenya waareessuun fayyadamummaa hawaasaa caalmaatti mirkaneessuuf hojjetamaa jira – Dooktar Diras Saahiluu
Finfinnee, Mudde 5, 2018 (FMC) – Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaa fi Godina saba Oromootti Nageenya waareessuun fayyadamummaa hawaasaa caalmaatti mirkaneessuuf hojjetamaa jira jedhan sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera misooma Baadiyyaa naannichaa Dooktar Diras Saahiluun.
Magaalaa Jawaahaatti jiraattoota waliin dhimmoota nageenyaa fi misoomaarrati mar’atameera.
Farreen nageenyaa duula jibbiinsaa uumaniin miidhaan namoomaa, hawaasummaa fi diinagdee qaqqabuu hirmaattonni marichaa ibsaniiru.
Tarkaanfii qindoomaa mootummaa fi hawaasni waliin fudhachaa jiraniin nageenyi waara’aa jiraachuu kaasaniin.
Jijjiirama argame caalmaatti cimsuuf murannoon ni hojjenna jedhan.
Gaaffiilee bu’uuraalee misoomaa fi rakkoolee bulchiinsa gaarii furuuf hojiileen eegalaman cimanii itti fufuu akka qaban gaafatan jiraattoonni kunneen.
Qabeenya uumamaa naannawichaa misoomsuu fi fayyadamummaa ummataa mirkaneessuuf mootummaan ummata waliin qindoominaan hojjechaa jiraachuu sadarkaa itti aanaa Pireezidaantiitti Qindeessaan Kilaastera misooma Baadiyyaa naannichaa Dooktar Diras Saahiluun.
Allebbachaw Abbaateen
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.