Nageenyi akka dhufuuf abbootiin qabeenya hidhattoota maallaqaan deeggaruu dhaabuu qabu- Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Waxabajjii 3, 2017(FMC)- Nageenyi akka dhufuuf abbootiin qabeenya hidhattoota maallaqaan deeggaruu dhaabuu akka qaban Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hubachiisan.
Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad bakka bu’oota hawaasa daldalaa guutuu biyyattii waliin marii taasisaniin, mootummaan marii nagaaf qophii ta’uu mirkaneessaniiru.
Hidhattoota bosona jiran sooraa nageenya Itiyoophiyaa %60 kan jeequ abbootii qabeenyaati jechuun, hidhattoota maallaqaan deeggaraa mootummaan nageenya akka fidu gaafachuun adeemsa sirrii akka hin taane kaasaniiru.
Abbootiin qabeenyaa dhugumaan nageenya barbaadu yoo ta’e humnoota bosona jiran deeggaruu dhiisuun gara nageenyaatti akka dhufan gorsuu akka qaban hubachiisaniiru.
Qaamni nageenya barbaadu jiraannaan nuti gama keenyaan qophiidha kan jedhan Dooktar Abiy, mootummaan qaamolee karaa nagaa dhufan simatee waliin mari’achuuf qophii ta’uu dubbatan.
Gaaffileen nageenyaan walqabatanii ka’an gaaffii sirrii ta’uus eeranii, haa ta’u malee shaakallli qaamoleen nageenyi akka mirkanaa’u gaafatan ofii isaanii qollifachaa akka waan dhimmi mootummaa qofaa ta’eetti ilaaluun sirrii akka hin taanes kaasaniiru.
Gama biraan mootummaan kontiroobaandiifi daddabarsa meeshaalee seeraan alaa to’achuuf keellaawwan sakkatta’iinsaa qopheesserratti qaamoleen “Kan Kottee” jechuun maallaqa gaafatan jiraachuu marichaan ka’eera.
Ministirri Muummee Dooktar Abiy Ahimad dhimmicharratti ibsa laataniin, keellaawwan sakatta’iinsaa kunneen yoo jiraachuu baatan meeshaaleen waraanaa seeraan alaa seenuun lubbuu lammiilee akka galaafatu ibsaniiru.
Haa ta’u malee maallaqni osoo hin gaafatamiin karaa sakatta’iinsi itti taasifamu mijeessuuf mootummaan hawaasa daldalaa waliin ni hojjeta jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FBC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.