Fana: At a Speed of Life!

Nageenyi naannawichatti mirkanaa’e misoomni magaalaa Naqamtee akka ariifatuuf haala mijataa uumeera- Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan

Finfinnee, Hagayya 29, 2017(FMC)- Af-Yaa’iin Caffee Oromiyaa Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan nageenyi naannawichatti mirkanaa’e misoomni magaalaa Naqamtee akka ariifatuuf haala mijataa uumeera jedhan.

Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan hojiilee misoomaa garaagaraa magaalaa Naqamteetti hojjetamaa jiran daawwataniiru.

Daawwannaa isaaniinis manneen murtii aadaa, hojiilee inisheetiivii garaagaraa, ijaarsa paarkii indaastiriifi warshaa mismaaraa daawwatan.

Aadde Sa’aadaa Abdurahamaan wayita kana nageenyi naannawichatti mirkanaa’e hojiilee misoomaa magaalichatti hojjetamaa jiran saffisiisuuf haala mijataa uumuu ibsan.

Kallattii mootummaa federaalaafi naannoo irraa kennameen magaalattiin daandii guddinaa ariifachiisaarratti akka argamtu eeranii, kunis imala badhaadhinaa qabame milkeessuuf gargaara jedhan.

Hawaasni hirmaannaa ijaarsa nageenyaafi hojiilee misoomaarratti taasisu cimsuun gahee isaa bahachuu akka qabu hubachiisuu isaanii TOI gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.