“Namni kamuu hiyyummaa waliin hindhalanne…”
Finfinnee, Amajjii 21, 2018(FMC) – Aadde Abbayinash Darribee jiraattuu magaalaa Adaamaati.
Akkuma nama kamuu gaa’ela dhaabbatanii maatii horatanii jiraataa turan.
Garuu yeroo malee abbaan warraa isaanii waan boqotaniif, ijoollee afur kophaa guddisuun dirqama itti ta’e.
Daa’imman kana guddisuuf carraa isaan qaban hojii humnaa hojjetanii maallaqa ittiin nyaata bitaniif argachuu ture.
Jirteenya harkaa gara afaanii, oolmaa guyyuu irra tartee eessaanuu nama hingeenye!
Isheenuu hin gheessu turte, yoo maallaqni argamte biddeena bituu dadhabde, asheeta boqqlloollee taatu bitanii affeeluufiin akka ijoolleen garaa duwwaa hinbulle dhama’aa akka turan Faanaa Miidiyaa Korpooreeshinitti seenaa isaanii himaniiru.
Sababa hanqina maallaqaan daa’imman isaanii akka hiriyyoota isaanii uffata gaarii osoo hin uffatin, nyaatas akkaataa barbaadaniin osoo hin nyaatin waanuma arganiin guddachuun dirqama isaanii ture.
Osoo jireenya hirkattummaa kanaan jiraatanii garuu, guyyaan tokko isaan mudatte; guyyaa sagantaa Wabii Nyaataa fi Fooyya’iinsa Jireenyaa magaalaa Adaamaa keessatti hammataman.
Aadde Abbaynash sagantaa kana keessatti guyyaa hammatamanii hojii eagalan jireenyi boqonnnaa haaraanis tokko jedhee jalqabe.
Hojjetanii maallaqa gatii dadhabbii isaanii madaalu argachuu eegalan.
Daa’imman isaaniis amma waan fedhan argachuu, akkuma hiriyyoota isaanii bareeduu eegalan.
Harkii fi sabbatni isaanii duwwaa tures maallaqa olkaa’achuu, gudunfachuu eegale.
Akka aadde Abbaayinash Faanaatti himanitti, hojii waggaa sadiif sagantaa wabii nyaataafi fooyya’iinsa jireenya keessa hojjetaniin nyaataa fi baasiiwwan biroo guuttachuu bira darbuun baankiitti deddeebi’uullee isaan jalqabsiise.
Maallaqa qusataniinis hojii daldalaa keessa seenanii bu’aa achirraa argataniin sa’a aannanii bitatan.
Bu’aa sa’arraa argatans gara hojii daldalaa dabalatattii isaan ceesise.
Manni duwwaa ture guutuun, jireenyi harkaa gara afaaniis fooyya’aa, hirkatummaa irraa gara oomishtummaatti ce’uu danda’an.
Har’a galiin aannanii fi hojii daldalaa isaanii irraa argatan jireenya fooyya’aa isaan jiraachisuu bira darbee, mul’ata guddinaa caaluuf isaan onnachiiseera.
Magaalaa Adaamaatti waggoota sadan darban keessa namoonni akka Aadde Abbaayinash sagantaa wabii nyaataa kana irraa fayyadamaoo ta’an kuma lamatti siqu.
Akka ibsa hoji gaggeessaa itti aanaa mana qopheessaa magaalaa Adaamaa obbo Haabtaamuu Nigaatuutti, namoonni kunniin Sagantaa wabii nyaatan hojiiwwan garaagaraa irratti bobba’uun of danda’uu bira darbanii, guddina magaalattiif gahee isaanii bahaa turan.
Hojiiwwan kunneenis: balfa goggogaa karaarraa kaasuu, magariisumma magaalaa eeguu, qonna magaalaa, hojiiwwan daagaa hidhuu fi hojiiwwan biroo fa’i.
Utubaa hawaasaa kan ta’e sagantaan wabii nyaataa akka magaalattiitti bu’aa qabatamaa jireenya uummataa jijjiire galmeessiseera kan jedhan ammoo Kantiibaa itti aanaa bulchiinsa magaalattii obbo Nigaatuu Mootummaati.
Sagantaa kanaan hawwattummaa fi qulqullinni magaalattii baay’ee dabaleera.
Namni kamiiyyuu hiyyummaa waliin hin dhalanne, jabaatanii hojjennaan ofirraa mulquun ni danda’ama jedhan.
Namoonni kunneen har’atti mana jireenyaa ijaarrachuu, daldala garaagaraa irratti bobba’uufi jiruufi jireenya isaanis jijjjiirachuu bira darbanii aadaa qusannaas gabbifachuun, oogummaafi beekumsa haaraas gonfataniiru.
Namootni akkuma aadde Abbaaynash sagantaa kana jalatti hammatamanii waggaa lamaaf hojjetaa turuun amma of danda’an tibbana eebbifamaniiru.
Fuldurattis bulchiinsi magaalattii sheediiwwan kuma 2 fi 442 qopheessuun hojidhabdoota hojiiwwan daldalaa, qonnaa, huccuu fi kkf irratti bobba’aniif kennuuf qophii xumureera.
Faxxanaa Zawudeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia