Dhibee Maarbargiin yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf hojjetamaa jira – Ministeericha
Finfinnee, Sadaasa 8, 2018 (FMC) – Dhibee Maarbargiin yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Fayyaa.
Sadaasa 3, 2018 Itiyoophiyaatti kan mul’ate Vaayisaasiin Heemoogiraafik Fiivar qorannoo gaggeeffameen Vaayirasii Maarbargi ta’uu mirkanaa’uun ni yaadatama.
Namoota dhibichaan shakkaman 17’f qorannoon samuudaa godhamuufii Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Maqdas Dhaabaan ibsaniiru.
Namoota 3 irratti mallattoon argamuu fi lubbuu darbuu himan.
Hanga ammaatti namoota mallattoon dhibichaa irratti mul’a 6 lubbuun darbuu fi namoonni isaan waliin tuttuqaa qaban 129 adda baafamanii hordoffiin taasiifamaafii jiraachuu Dooktar Maqdas Dhaabaan dubbataniiru.
Yeroo ammaa namoonni dhibichaan qabamanii lubbuun jiran kan hin jirre ta’uu mirkaneessan Dooktar Maqdas Dhaabaan.
Dhibicha yeroo gabaabaa keessatti to’achuuf xiyyeeffannoo olaanaan hojjetamaa jiraachuu eeran.
Namoonni dhibichaan shakkamanii du’an yoo argaman sirni awwaalchi isaanii qajeelfama Inistiityuutii Fayyaa Hawaasaa Itiyoophiyaa kennuun qofa kan raawwatamu ta’uu hubachiisan.
Alemsaggid Asaayyeetu gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.