Fana: At a Speed of Life!

Namootni 600 caalan karaa seeraan alaa Boba’aa daddabarsan to’ataman – Ministeericha

Finfinnee, Bitootessa 12, 2018 (FMC) – Namootni 600 caalan karaa seeraan alaa Boba’aa daddabarsan to’ataman jedhe Ministeerri Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawwaa.

Yakkoota dhiyeessii boba’aa irratti raawwataman irratti tarkaanfiin fudhatamu cimee akka itti fufu ibse.

Al-seerummaa adeemsa raabsaafi gabaa boba’aa irratti mul’atan to’achuuf naannolee 6 fi bulchiinsa magaalotaa 2 keessatti duulli qindaa’aa jalqabameen bu’aan guddaan galmaa’aa akka jiru Ministirri Ministeera Daldalaafi Walitti Hidhamiinsa Naannawwaa Dooktar Kaasahuun Goofeen ibsaniiru.

Guyyoota darban keessatti hordoffiifi to’annoo cimaa taasifameen tarkaanfiiwwan garaagaraa fudhatamuu himan.

Haaluma kanaan boba’aan seeraan alaa socho’aa ture Beenzilli liitirri kumni 200 fi kumni 50 fi 221, Naafxaan liitirri kumni 100 fi kumni 98 fi 432 ta’u to’atamee mootummaaf galii ta’uu dubbatan.

Boba’aa seeraan alaa to’atamee gurgaramee keessaa birriin miiliyoonni 48 fi kumni 600 fi kumni 63 ol mootummaaaf galii ta’uu kan ibsan Dooktar Kaasahuun.

Namootni gochaa seeraan alaa kana irratti hirmaatan 613 to’annoo seeraa jala ooluu isaanii kaasaniiru.

Namoota to’ataman keessa itti gaafatamtootni waajjira daldalaa, dursitootni garee, ogeeyyiin sirna to’annoo (regulatory), abbootiin qabeenyaa buufata boba’aa fi hojjettootni isaanii akkasumas qaamoleen nageenyaa sadarkaa garaagaraa irratti argaman akka jiranis himan.

Haala qabatamaa gabaa boba’aa Addunyaan amma irra jirtu tilmaama keessa galchuun, raabsitootni boba’aafi hawaasni, boba’aa qusannaafi itti gaafatamummaa olaanaan akka itti fayyadaman Ministirichi dhaamsa dabarsuu ENA’n gabaasera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.