Obbo Ahimad Shiideen anga’oota Koorporeeshinii Faayinaansii misooma idil Addunyaa Ameerikaa waliin mari’atan
Finfinnee, Onkololeessa 7, 2018(FMC) – Ministirri Ministeera Maallaqaa Obbo Ahimad Shiideen Anga’oota olaanoo Koorporeeshinii Faayinaansii Misooma Idil Addunyaa Ameerikaa waliin mari’ataniiru.
Walga’ii waggaa IMF fi Baankii Addunyaa cinaatti galmoota damee Aveeshinii fi misooma diinagdee Itiyoophiyaa haala tumsuun danda’amurratti mari’ataniiru.
Piroojektii Buufata Xiyyaaraa haaraa akkaataa maallaqaan tumsuun danda’amurrattis mari’ataniiru.
Koorporeeshiniin Faayinaansii misooma idil Addunyaa Ameerikaa piroojektichi maallaqa, dhiyeessa misooma Buufata Xiyyaaraa fi ijaarsa isaa deeggaruuf fedhii qabaachuun ibsameera.
Buufata Xiyyaaraa haaraaf caasaa Faayinaansii mijataa ta’e qopheessuuf tumsaan hojjechuuf waliigalaniiru.
Fooyyessa Maallaqaa Itiyoophiyaan gaggeessaa jirtuuf deeggarsi maallaqaa Ameerikaa barbaachisaa fi mul’ata waloo milkeessuuf murteessaa akka ta’e ka’eera.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.