Fana: At a Speed of Life!

Obbo Dammaqaa Makonniin kan hundaa’e Faawundeeshiniin ‘Ye Addaam’ ifoome

Finfinnee,Mudde 7, 2017 (FMC) – Ministira Muummee Itti Aanaa fi Ministira Dhimma Alaa duraanii FDRI Obbo Dammaqaa Makonniin kan hundaa’e Faawundeeshiniin ‘Ye Addaam’ ifoomeera.

Sagantaa ifoomsuu Faawundeeshichaa har’a Sharaatan Addisitti gaggeeffameera.

Hoggantoonni Mootummaa, Bakka Buutoonni Dhaabbilee idil addunyaa, Ambaasaaddaroonni fi keessummoonni waamichi taasiifameef saganticharratti argamaniiru.

Faawundeeshinichi qooda fudhattoota damichaa waliin ta’uun waliingahiinsa nyaata madaallawaa babal’isuun Afrikaatti quucarummaa ittisuuf hojjeta jedhame.

Baran hoggansarra ture nyaanni madaallawaan dhimma xiyyeeffannoo olaanaa barbaadu ta’uu hubadheera jedhan Hundeessaa fi Dura Taa’aan Boordii Faawundeeshinichaa Obbo Dammaqaa Makonniin.

Faawundeeshiniin ‘Ye Addaam’ Piroojektoota qonnaa, Barnootaa, Eegumsa Hawaasummaa, Qindeessa Nyaataa, Fayyaa fi Sirna nyaataa fooyyeessuurratti xiyyeeffannoon kennuun hojjeta jedhan.

Humna namaa oomishaa fi ga’umsa qabu horachuuf sirni nyaataa murteessaa ta’uu dubbachuu isaanii TOI gabaaseera.

Hoggantoonni Afrikaa dhimma kanarratti akka xiyyeeffatan gaafataniiru.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.