Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti ambaasaaddaroota Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa waliin mari’atan
Finfinnee, Bitootessa 4, 2013 (FBC) – Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin Ityoophiyaatti ambaasaaddaroota Jaappaanii fi Kooriyaa Kibbaa waliin dhimmoota waloorratti mari’ataniiru.
Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa Kaang Seek Hii waliin wayita marii taasiisan yeroo Ityoophiyaan rakkoo keessa jirtuutti deeggarsa Kooriyaan Kibbaa taasiifte dinqisiifataniiru.
Weerara vaayrasii koroonaa ittisuuf deeggarsa meeshaalee yaalaa taasiiftee fi muuxxaannoon Kooriyaan Kibbaa Ityoophiyaaf qoodde kan dinqisiifamu ta’uu eeraniiru.
Hariiroon Kooriyaa Kibbaa fi Ityoophiyaa dhiigan ijaarramuu kan eegale bara 1950 keessa wayita Ityoophiyaan deeggarsa loltootaa biyyattiif taasifte ture jedhan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Kooriyaa Kibbaa Kaang Seek Hiin.
Hariiroo seenaa qabeessa biyyoota lamaanii kana caalmaatti cimsuuf kan hojjetan ta’uu ibsaniiru.
Obbo Dammaqaan Ityoophiyaatti Ambaasaaddara Jaappaan Ittoo Taakaakoo waliinis dhimmaaota waqtaawaa fi hariiroo biyyoota lamaanirratti mari’ataniiru.
Deeggarsa mootummaan Jaappaan gama Ejansii Korporeeshinii idil addunyaa Jaappaan ‘JICA’ Ityoophiyaaf taasiisaa jiru galateeffataniiru.
Itti aanaan Muummee Ministiraa fi Ministirri Ministeera Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Makonniin haala waqtaawaa fi dhiyeessii deeggarsa namoomaa naannoo Tigraay ilaalchiee ambaasaaddaroota kanneef ibsa taasiisaniiru.
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.