Obbo Tamasgeen Xirunaan sagantaa Ifxaraa Inistiityuutii Hubannoo Namtolcheetti qophaa’erratti hirmaatan
Finfinnee, Bitootessa 2, 2018 (FMC) – Ministirri Muummee Ittaanaan Obbo Tamasgeen Xirunaan sagantaa Ifxaraa Inistiityuutii Hubannoo Namtolcheetti hojjettoota amantaa Islaamaaf qophaa’erratti hirmaataniiru.
Ittaanaan Pireezidaantii Mana Maree Waliigalaa Dhimmoota Islaamummaa Itiyoophiyaa Sheek Abduulkariim Sheek Baraddiin saganticharratti ergaa dabarsaniin, obbo Tamasgeen Xiruunaan saganticharratti argamuu isaanii kabaja addaan kan ilaalaan ta’uu dubbatan.
Lammiileen yeroo hunda nageenyaa fi misooma biyyaaf tumsaan hojjechuu akka qaban kaasan.
Hojilee misoomaa eegalame milkeessuuf hundi tumsaan hojjechuu akka qaban waamicha dhiyeessan.
Daayrektera Olaanaa Inistiityuutii Hubannoo Namtolchee Dooktar Warquu Gaachanaa dabalatee keessummoonni waamichi taasifamee fi hojjettoonni dhaabbatichaa saganticharratti argamaniiru.
Leeyikuun Alemiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.