Obbo Tamasgeen Xurunaan Godina Shawaa Kaabaatti warshaalee garaagaraa daawwatan
Finfinnee, Sadaasa 2, 2018 (FMC)- Ministirri Muummee Itti Aanaa Obbo Tamasgeen Xurunaan Naannoo Amaaraa Godina Shawaa Kaabaatti Paarkii qindeessa Qonnaa, Warshaa Seeraamikii fi Warshaa Oomisha Waraqaa Palpi daawwataniiru.
Obbo Tamasgeen gama miidiyaa hawaasummaa isaaniin, imala badhaadhinaa Itiyoophiyaan taasisaa jirtuuf Shawaan Kaabaa agarsiiftudha jedhan.
Warshaaleen kunneen riifoormii biyyaalessaa damee indaastiriin eegalamanii fi hojirra oolmaa isaaf ragaa ta’uu himan.
Akkasumas Itiyoophiyaan xiyyeeffannoon kan qabde damee oomishtummaaf milkaa’ina fi walitti hidhamiinsa kan uumu ta’uu eeraniiru.
Warshaaleen kunneen oomishtoota ta’uu isaaniin, qabeenya haaraa gara diinagdeetti kan ida’an ta’uu kaasaniiru.
Walitti hidhamiinsi dameelee kannenii oomishaa fi galtee ta’uu fi carraa hojii uumuu fi sharafa alaa hambisuu keessatti gahee olaanaa bahataa jiru jedhan.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.