Obbo Tamasgeen Xurunaan Phaaphaasota Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin mari’atan
Finfinnee, Caamsaa 20,2017 (FMC) – Ministirri Muummee Itti aanaan Obbo Tamasgeen Xurunaan Phaaphaasota Mana Amantaa Ortodoksii Tawaahidoo waliin mari’ataniiru.
Obbo Tamasgeen Xurunaan, Phaaphaasonni mana amantichaa guyyaa har’aa Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa daawwataniiru jedhan.
Manni Amantaa Ortodoksii ijaarsa biyyaa keessatti gahee isaa akka bahattuuf mootummaan wanta irraa eegamu hunda ni bahata jedhan ergaa miidiyaa hawaasummaa isaaniin dabarasaniin.
Abbootii amantaa haaraa ramadamaniifis bara hojii gaarii hawwaniiru.