Fana: At a Speed of Life!

Ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii ga’umsa qabanii fi Haala qabatamaa addunyaa hubatan horachuun murteessadha – Dooktar Biqilaa Hurrisaa

Finfinnee, Ebla 27, 2017 (FMC) –Ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii ga’umsa qabanii fi Haala qabatamaa addunyaa hubatan horachuun murteessaa ta’uu Itti Gaafatamaan Hariiroo ummataa fi idil addunyaa Paartii Baadhinaa Dooktar Biqilaa Hurrisaan ibsaniiru.

Leenjiin ijaarsa dandeettii ogeeyyii miidiyaa fi Kominikeeshinii mata duree ‘bara dhugaan boodaa, dhugaa fi beekumsaan’ jedhuun Magaalaa Gaambeellaatti kennamaa jira.

Bara dhugaan boodaa hojiilee miidiyaa fi kominikeeahinii dhugaa fi beekumsaan hojjechuun tokkummaa ummataa fi guddina biyyaaf qooda qabaachuu eeraniiru.

Kanaafis ogeeyyii miidiyaa fi kominikeeshinii haala qabatamaa addunyaa jabanaa sirnaan hubatanii fi ga’umsa qaban horachuun murteessaa ta’uu Dooktar Biqilaan hubachiisaniiru.

Leenjii qopheessummaa Paartii Badhaadhinaan guyyoota 3’f kennamu kanarratti ogeeyyiin miidiyaa fi kominikeeshinii sadarkaa naannoo, Godinaa fi aanaa hirmaachaa jiraachuun eerameera.

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.