Ogeeyyiin Miidiyaalee faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu – Ambaasaaddar Reedwaan Huseen
Finfinnee, Bitootessa 12, 2018 (FMC)- Ogeeyyiin Miidiyaalee faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhan Daarektarri Olaanaa Tajaajila Nageenya Odeeffannoo Biyyaaleessaa Ambaasaaddar Reedwaan Huseen.
Abbaan Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Yuunivarsiitii Finfinnee waliin ta’uun, Faayidaa biyyaalessaa, ogummaa fi naamusaa fi imaammataa fi Tarsimoorratti Gaazeexxeessitoota leenjiisaa turan eebbisaniiru.
Ambaasaaddar Reedwaan Huseen saganaticharratti ergaa dabarsaniin, biyyi akka hin dadhabne gochuun kan danda’amu tokkummaan dhaabbachuun wayita danda’amudha jedhan.
Tokkummaa biyyaalessaa cimsuurraan darbee faayidaa biyyaalessaa eegsisuun murteessaa ta’uu eeruun, lammiin hundi faayidaa biyyaalessaa eegsisuuf hojjechuu akka qabu hubachiisaniiru.
Haaluma kanaan gaheen Miidiyaalee olaanaa ta’uu eeruun, ogeeyyiin miidiyaalee faayidaa biyyaaleessaarrratti xiyyeeffannoon hojjechuu qabu jedhan.
Daayrektarri Olaantuun Abbaa Taayitaa Miidiyaalee Itiyoophiyaa Haymaanoot Zallaqaa gamasaaniin, Gaazexeessittonni giddugala leenjii Abbaa Taayitichaatti hayyoota damee garaagaraarraa beekumsa argachuu ibsaniiru.
Beekumsa argatan kana hojiitti jijjiiruun faayidaa biyyaalessaaf hojjechuu akka qaban eeraniiru.
Zufaan Ambaachewutu gabaase.
#Oromia #Ethiopia