Okeestiraa Biiftuu Oromiyaaf meeshaaleen muuziqaa ammayyaafi aadaa kennaman
Finfinnee, Fulbaana 29, 2018(FMC)- Okeestiraa Biiftuu Oromiyaaf meeshaaleen muuziqaa ammayyaafi aadaa loojistiksii guutuu waliin kennamaniiru.
Meeshaaleen kunniin bakka Sadarkaa itti aanaa pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaa Kilaastara Hawaasummaa Obbo Saadaat Nashaa fi hoggantoonni mootummaa olaanoon biroon argamanitti kennaman.
Daayrektarri Olaantuu Giddugala Aadaa Oromoo aadde Makkiyaa Jamaal, riifoormii Baandii Biiftuu irratti hojjetamaa jiruun hojiilee gurgoddoon bu’aa qabeessa ta’an hojjetamuu ibsan.
Qabeenya guddaa mootummaan xiyyeeffannaa kennee bitame kun Okeestarichi akka ofiin of bulchuufi galii maddisiisuu danda’uuf kan gargaarudha jedhan.
Sadarkaa Itti aanaa pirezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa obbo Saadaat Nashaa gama isaaniin, Baandiin Biiftuu Oromiyaa duraaniifi Okeestiraan Biiftuu Oromiyaa har’aa aadaafi duudhaa Oromoo irratti xiyyeeffannaa kennitanii hojjetaa waan turtaniif galata qabdu jedhan.
Humna bal’aa qabnu qabeenya naannoo keenyaa qixaan fayyadamuuf aartiin murteessaadha kan jedhan obbo Saadaat, meeshaalee ammayyaan deeggaruufi ammayyummaa isaa dabaluuf xiyyeeffannaan kennamee meeshaaleen kunniin bitamuu ibsaniiru.
Gahee Okeestiraan Biiftuu guddina aadaa Oromoo keessatti bahachaa jiru cimsuufi ammayyeessuuf meeshaaleen muuziqaa barbaachisoon Birrii miiliyoona 800 oliin bitamuun himameera.
Baayiluu Baaneetu Gabaase.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.