Omisha Bunaarraa galii Doolaara biiliyoona 2 argachuuf karoorfamee hojjetamaa jira-ATBShI
Finfinnee, Mudde 16, 2017 (FMC)- Agarsiisni Bunaa fi Shaayee daldaltootaa fi dhiheessitoota bunaa Kibba Lixa Itiyoopiyaa hirmaachise Magaalaa Jimmaatti gaggeeffameera.
Abbootiin qabeenyaa agarsiisicha irratti hirmaatan qulqulina bunaa eegsisuu irratti muxannoo qoodaniiru.
Daayrektarri Abbaa Taayitaa Bunaa fi Shaayii Federaalaa Dooktar Addunyaa Dabalaan, bara kana buna irraa galii Doolaara biiliyoona 2 argachuuf hojjatamaa jiraachuu himaniiru.
Gamtaan Awurooppaa buna irratti labsii haaraa baasuu eeruun, agarsiisichi abbootiin qabeenyaa labsii kana akka hubatan gargaara jedhaniiru.
Hogganaan Biiroo Qonnaa Oromiyaa Obbo Geetuu Gammachuu, Bunni qulqullinni isaa mirkanaa’e maqaa biyyaa fi dinagdee biyyaa ol kaasa jedhan.
Mootummaan dinagdee qonnaan bultootaa guddisuuf inisheetiiviiwwan qonnaa garaagaraa bocee hojjetaa jiraachuu ibsanii; keessumattuu dhandhamni bunaa osoo hingeeddaramin gabaa alaaf dhiyeessuuf xiyyeeffannoon hojjatamaa jiraachuu dubbataniiru.
Bulchaan godina Jimmaa Obbo Tijjaanii Naasir, waltajjichi abbootiin qabeenyaa fi dhaabbilee biyya alaa gidduutti walitti hidhamiinsa uumuuf gargaara jedhaniiru.
Agarsiisni bunaa fi mi’eessituu biyyaalessaa kun guyyoota 3’f kan turu ta’uun ibsameera.
Muktaar Xahaa fi Aliidaan Mahammaditu gabaase.
#Oromia #Ethiopia