Fana: At a Speed of Life!

Oomisha Oksiijinii tajaajila yaalaa saffisiise …

Finfinnee, Onkoloolessa 27, 2018 (FMC) – Hanqina Oksiijinii yaala fayyaa furuuf hojjetamaa jira jedhe Ministeerri Fayyaa.

Hoji raawwachisaan Kominikeeshinii Fayyaa Ministeerichaa Dooktar Taganee Raggaasaa Faanaa Miidiyaa Korpooreshinitti akka himanitti, mootummaan dhibee dursee ittisuu bira darbee yaalanii fayyisuu qaama imaammata fayyaa godhatee hojjetaa jira.

Kanaan dura hanqina oksiijinii wal’aansaa damicha mudachaa ture furuuf hojiiwwan hedduun hojjetamaa kan jiran yoo ta’u, amma irratti hospitaalonni 58 oksijiinii oomishuu danda’uu dubbataniiru.

Dhukkubsattonni wayita ofiin harganuu dadhaban, maashinni gargaaru hospitaalota 177 keessa jiraachuu dubbatanii, wal’aanamtoonni tajaajila yaalaa guutuu ta’e akka argataniif xiyyeeffannaan hojjetamaa akka jiru eeraniiru.

Hospitaala Pheexiroositti Daayireektarri Olaanaan Tajaajila yaalaa Dooktar Yohaannis H/Mikaa’el, Oksiijinii yaala fayyaa ofiin oomishuu danda’uun tajaajila wal’aanamtootaaf kennamu akka ariifachiisu hubachiisaniiru.

Hospitaalichi wal’aanamtoota qaama argansuu sadarkaa olaanaan waan keessummeessuuf duraan haalli itti fayyadama oksiijinii isaa guddaa akka ture eeranii, amma hospitaalichi oksijiini omishuu waan eegaleef fedhi isaa guutuuf ga’ee guddaa akka taphate dubbataniiru.

kanaanis fedhii oksiijinii wal’aansaa isaa %60 humna keessoon oomishuu akka eegale ibsaniiru.

Soosinnaa Alamaayyoon

#Oromia #Ethiopia

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.