Oomisha qonnaa kuntaala miiliyoona 900 fi miiliyoona 99 walitti qabuun danda’ameera -Dooktar Abiy Ahimad
Finfinnee, Amajjii 26, 2018 (FMC) –Baatiiwwan ja’an darbanittii Oomishaa qonnaa kuntaala miiliyoonaa 900 fi miiliyoona 99 walitti qabuun danda’ameera jedhan Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad.
Dooktar Abiy Ahimad Ibsa Mana Maree Bakka bu’ootaa Ummataaf kennaniin, damee qonnaan guddina %7.3 galmeeessuuf, omisha qonnaa kuntaala biiliyoonaa 1.3 walitti qabuuf karoorfamuu yaadachiisaniiru.
Baatiiwwan ja’an darban Ganna keessa omisha qonnaa kuntaala miiliyoona 900 fi miiliyoona 99 walitti qabuun akka danda’ame himan.
Karoora damee qonnaa qabame keessaa dameen hortiikaalcharii fi jirbiin %79 kan qooddatan ta’uu dubbatan.
Bu’aa galmaa’aa jiru ilaalchisee damee qonnaa Ministeera Pilaaniifi Misoomaan hojiin daataa walitti qabuu gaggeeffamaa akka jiru himanii, daataan kun bu’aan isaa oggaa ifoomu waan hedduurratti jijjiiramni olaanaan akka mul’atu eegama jedhan.
Teeknooloojiiwwan qonnaan walqabatee yeroo ammaa tiraaktaroonni kumni 27 ol, kombaayinarri kumni 8 fi 700 akka jiru, hunda caalaa ammoo paampiiwwan kuma 200 fi kuma 80 akka jiraachuu himaniiru.
Daataa kanaan oomsihaalee qonnaa gabaarratti xiyyeeffatan osoo hindabalanne oomishaa kilaastaraa fi qonnaan bultoota dhuunfaan jijjiiramni olaanaan dhufu eeran.
Xaa’oo fayyadamuu, eegumsa naannawaan hojiin misooma sululaa dabalaa dhufuun, oyiruuwwan hedduun qonnaaf oolaa hinturres qonnaaf ooluu eegaluu ibsuun, kunneen yeroo ammaa adeemsa qonnaa biyyattii sadarkaa olaanaan guddisaa jiraachuu dubbatan.
Dabalaa Taaddasaatiin.