Oomishaalee alaa galan bakka buusuun baasiin sharafa alaa doolaarri biiliyoonni 1 ol baraarame
Finfinnee, Onkoloolessa 21, 2018 (FMC) – Baatiiwwan sadan darbanitti oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuun baasiin sharafa alaa Doolaarri biiliyoonni 1 ol baraarameera jedhan Ministirri Ministeera Pilaaniifi Misoomaa Dooktar Fitsum Asaffaan.
Akka Dooktar Fitsum Asaffaan akka jedhanitti, kurmaana jalqabaa bara baajataa kanatti bu’aa qabeessummaa damee oomishaa guddisuuf hojiilee hedduun hojjetamaniiru.
Sosochii ‘Itiyoophiyaan Haa Oomishtuun’ dandeettii oomishtummaa indaastiriiwwanii guddisuu fi carraa hojii uumuurratti bu’aa qabatamaan argamuu eeraniiru.
Kurmaana jalqabaa kanatti indaastiriiwwan oomishaa 37 gara oomishaatti galuu kaasanii, bu’aa qabeessummaan paarkiiwwan indaastirii agroo-piroosesiingii jabaachaa dhufuu ibsan.
Baatiiwwan sadan darbanitti warshaaleen 10 hojii eegaluus himaniiru.
Paarkiiwwan kanneen keessatti yuuniyeenota 6 fi waldaalee hojii gamtaa 67 dabalatee abbootiin warraa kumni 200 fi kumni 72 fi 635 walitti hidhamiinsa galtee uumuu ibsan.
Paarkiiwwan Indaastirii Agroo-Piroosesiingi keessatti warshaaleen dabalataa 31 yeroo dhiyootti gara hojiitti galuuf qophii xumuruu dubbataniiru.
Baatiiwwan sadan darbanitti oomishaalee alaa galan kan biyya keessaan bakka buusuuf hojii hojjetameen baasiin sharafa alaa Doolaarri biiliyoonni 1 ol baraaramuu ibsaniiru.
Daldala alaa paarkiiwwan Indaastirii irraa galiin Doolaarri miiliyoonni 47 fi kumni 700 kan argame yoo ta’u carraa hojii uumuunis bu’aa foyya’aan galmaa’uu eeraniiru.
Malaakuu Gaddifiin.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
 
			 
				