Oomishaalee zooniiwwan diinagdee addaa qulqullinaafi ariitiin buufataaleen gahuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Caamsaa 6, 2017(FMC) – Waldaan Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii zoonii diinagdee addaa Boolee Lammiitti tajaajila giddugala tokkoo kennuu eegaleera.
Tajaajilicha Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastirii Dooktar Fissahaa Yittaagasuufi Hojii Raawwachiisaa Olaanaan Waldaa Aksiyoona Daandii Baaburaa Itiyoo-Jibuutii Injinar Taakkalaa Uumaan eegalchiisaniiru.
Tajaajilichi oomishaalee zooniiwwan diinagdee addaa keessatti oomishaman qulqullinaafi ariitiin buufata jibuutiin gahuu kan dandeessisu ta’uu Injinar Taakkalaa Uumaan ibsaniiru.
Yeroo itti aanutti zooniiwwan diinagdee addaa biroo keessatti tajaajilli kun kan eegalu ta’uus eeraniiru.
Dooktar Fissahaa Yittaagasuun gamasaaniin, waldichi tajaajila kana eegaluun daldala alergiifi galchii akkasumas tajaajila si’ataa taasisuuf qooda olaanaa qabaachuu ibsaniiru.
Korporeeshinii Misooma Paarkiiwwan Indaastiriitti Hogganaan Qajeelcha Korporeet Kominikeeshinii obbo Paawuloos Ballaxaan, tajaajilichi misoomsitoonni tajaajila barbaadan dhiyeenyatti akka argatan kan gargaaru ta’uu Faanaa Diijitaalitti himaniiru.
Misoomsitoonni tajaajila dhaabbilee garaagaraa irraa barbaadan dhiyeenyatti akka argataniifi hojiilee isaaniif haala mijataa uumuuf korporeeshinichi xiyyeeffannoon hojjechaa akka jiru eeraniiru.
Admaasuu Arraagaawutu gabaase.