Oomishtummaa damee Indaastirii caalmaatti milkeessuuf hojjetamaa jira
Finfinnee, Fulbaana 23, 2018 (FMC) – Carraawwan damee Indaastiriin uumaman oomishtummaa damee Indaastiriif ga’ee olaanaa qabu jedhan Ministirri Indaastirii Malaakuu Allebal.
Mareen humna oomishtummaa damee Indaastirii oomishaa guddisuu irratti xiyyeeffate geggeeffamaa jira.
Obbo Malaakuun wayita kana akka jedhanitti, xiyyeeffannoo mootummaan damee kanaaf kenne guddinni itti fufiinsa qabu akka galmaa’u carraa uumeera.
Hojiiwwan fooyya’iinsaa hojimaata qindaawaa imaammatootaa tarsiimoowwanii fi dhaabbilee oomishtummaa damee Indaastirii dabaluu fi guddina damee oomishaa dabaluu dandaanii cimsuuf gargaaran hojjetamuu eeraniru.
Sosochii Itiyoophiyaan haa oomishtuun dhiyeessiin bu’uuraalee misoomaa fi misoomni Indaastirii hammataa ta’e hojiirra ooluun dadammaqina damichaaf carraa guddaa uumeeras jedhan.
Qoodni gabaa damee Indaastirii %30 qofa akka ture eeranii, hojiiwwan jijjiiramaa hojjetaman hammamtaa kana gara %45tti guddisuu akka danda’an TOI gabaaseera.
Carraa hojii damee kanaan uumamu dachaan guddisuun ga’ee inni qabu cimsuun akka danda’ames ibsaniiru.
Yeroo ammaa kana Hidha Haaromsaa dabalatee guyyaa kaleessaa kan eebbifamee fi madda humnaa kan ta’e pirojeektiin gaazii uumamaa damichi akka bayyaannatuuf carraa guddaa qabatee dhufuu isaa hubachiisaniiru.
#Oromia #Ethiopia
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Teelegiraama t.me/afanoromofana
Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo
Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo
Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision
Feesbuukii: FMC Afaan Oromoo
Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.