Fana: At a Speed of Life!

Oromiyaatti Adoolessa 24, 2017 guyyaa tokkotti biqilaan miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 24 ni dhaabbata

Finfinnee, Adoolessa 18, 2017 (FMC) – Naannoo Oromiyaatti Adoolessa 24, 2017 guyyaa tokkotti biqilaan miiliyoonni 500 fi miiliyoonni 24 ni dhaabbata jedhe Biiroon Qonnaa naannichaa.

Naannoo Oromiyaatti duula dhaabbii biqiltuu guyyaa tokkoon Adoolessa 24, 2017 biqiltuu miiliyoona 500 fi miiliyoona 24 dhaabuuf qophiin taasiifamuu Biiroo Qonnaa Oromiyaatti Daayrekterri Misooma Bosonaa obbo Katamaa Abdiisaan Faanaa Diijitaalitti himaniiru.

Iddoolee Kuma 6 fi 495 Teeknooloojiin adda bahan lafa hektaara kuma 200 fi kuma 12 irra dhaabuuf hojjetamaa akka jiru kaasan.

Adoolessa 24, naannoo Oromiyaatti Godinaalee 19 aanaalee 260 magaaloota 21 keessatti biqiltuu bal’inaan dhaabuuf qophii gahaan taasiifamuu dubbatan.

Hawaansi miiliyoonni 19 guyyaa sana sagantaa kanarratti ni hirmaatuun eegama jedhan.

Deeggarsii fi hordoffiin teeknooloojiin deeggarame kan godhamu ta’uus kaasaniiru.

Siifan Magarsaatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: www.youtube.com/@fmcafaanoromoo

Marsariitii www.fanamc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision

Feesbuukii: www.facebook.com/afaanoromoofana

Tiktok https://www.tiktok.com/@fana_afaan_oromoo

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

You might also like

Leave A Reply

Your email address will not be published.